• Thu. Nov 26th, 2026

Namootni konkolaataan magaalaa Naqamtee fi daandii godina Bunnoo Beddellee gidduu deeman ukkaamfamaa jiraachuun himame 

Oct 4, 2023

 ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2023

Ilmaan Oromoo balleessuuf murni bilxiginnaa halkaniif guyyaa ajandaa soquun karaalee badii irratti bobba’ee namoota nagaa maqaalee adda addaa itti maxxansuun hiraarsaa jira.

Onkoloolessa 1, 2023 irraa eegalee daandii guddaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee ka’ee magaalaa jimmaa Arjoo Keessa darbuun gara godina Bunnoo Beddellee geessu akkasumas imaltoota magaalaa jimmaa fi daandii Iluu Abbaa Boor irra imalan cufa daandicha gubbaatti qabuun gariin ajjeesaa kaan ammoo achi buutee dhabamsiisaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Keessattuu ammoo namoota umuriin isaanii sadarka dargaggummaa irra jiru hunda waraqaa eenyummaa harkaa fuudhuun bilbiloota harkaa saamuu fi ergama WBO fudhachuun siyaasa isaanii babaldhisaa jirtu jechuun namoota hojiif imalanitti danqaa uumaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply