• Wed. Nov 25th, 2026

Caasaan murna faashistii PP godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Asaasaa keessatti hawaasa dararuu itti fufan 

Oct 6, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2023

Caasaan murna bilxiginnaa maqaa nageenya eegnaan waajjira poolisii godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Asaasaa keessatti tooftaalee adda addaa fayyadamuun uummata dararaa jiru.

Galgala bajaajii eeguudhaan boba’aa irraa saamuun baajaajii waajjira poolisiitti geessuun maqaa adabaatiin qarshii hanga 20,000 tti irraa fudhanii gadhiisu.

Baajaajiin magaalattii keessatti buna baatee yoo deeme akka daldala seeraan alaatti qabuun nama buna feesisee fi konkolaachisaa baajaajii qabanii hidhuun qarshii 30,000 kaffalchiisanii kan gadhiisan yoo ta’u, hidhamtootni maallaqa hin qabne mana hidhaa keessatti dararamaa jiru.

Hidhamtoota mana hidhaa keessatti dhukkubsatan poolisiin qarshii 500 fudhatee mana yaalaatti geessaa jiraachuu himuun, mana murtiitti beellama dhiyeessuuf qarshii 300 hanga 400 hidhamtoota irraa fudhu.

Bulchaan aanichaa obbo Taarikuu jedhamu Fulbaana 24, 2023 raayyaa ittisa impaayerattii, milishaa fi poolisii idilee gandoota akka Fucoo Doorii fi Hulluqqootti bobbaasuun mana namoota sadii gubanii turan.

Sababa kanaanis hawaasni shororkaa’uun bakkicha kan gadhiisan yoo ta’u, caasaan sirnichaa waraana faashistii PP waliin qindaa’uun hojii hawaasa miidhu jabeessanii hojjechaa jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply