• Wed. Nov 29th, 2023

Murni faashistii PP bakkoota dhibee busaan miidhamaa jiran qorichi akka hin qaqqabneef danqaa jiraachuun barame

Oct 6, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2023

Dhibeen busaa Lixa Oromiyaa godinoota Wallaggaa arfan keessatti jabaachuu dhaabbanni fayyaa Addunyaa WHO fi OCHA’n gabaasa  baasee ture.

Rakkoo kanaaf qorichaa fi barnoota fayyaan hawaasa bira dhaabbachuu irra waraanaa fi olola kan facaasu bilxiginnaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti sababa Waraana Bilisummaa Oromoof baadiyyaa keessatti qorichoota raabsuu fi keemikaala farra bookee busaa biifuu dadhabne jechuun dhaabbanni gargaarsa gochaa jiran harka keessaa akka deebifataniif hojjechaa jiraachuun barame.

Yeroo darbe dhaabbanni ja’a UN jalatti hojjetan  WHO, OCHA fi UNICEF dabalatee aanaa Qondaalaa fi Begiitti argamuun hojiin yeroon hawaasa dhukkubsate yaaluu fi ittisa dhukkubichaaf barnoota kennuu akka eegaluuf qorichoota akkasumas wantoota barbaachisan buusanii deemaniis caasaan bilxiginnaa qoricha kuwaartemii dhoksaan gurgurachuu bare baajata durgoof ba’e waajjira keessa taa’anii nyaachuun gabaasa sobaa WBO’n nu danqaa jira jechuun karaa godinaa OCHA waajjira Naqamteef gabaasuu qaamotni itti siqeenyaan hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Hojii hawaasa dhibee busaan godina Lixa Wallaggaa keessaa miidhamanii jiran gargaaruu kan qabatee jiru OCHA’n, himannaa bilxiginnaa kana kallattii adda addaan hawaasa irraa qulqulleeffachuun caasaan bilxiginnaa hojii itti kenname hojjechuun bakka hanqina dhiyeessii jiru gaafachuu akka qabu beeksisuu maddeen irraa hubachuun danda’ameera.

Caasaan murna bilxiginnaa faayidaa siyaasaa fi hanna isaaf qorichoota akkasumas baajata ittisa dhukkuba busaaf ba’e kara keenya malee gargaaruu hin dandeessan jechuun qabatee ittiin hawaasa danqaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply