ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2023
Rakkoo impaayera Itoophiyaa keessa jiruuf jiraachuu kan dadhaban ilmaan Oromoo, biyyoota ollaa impaayerattiitti baqachuun yeroo irraa gara yerootti dararaa fi hidhaa mootummaa biyyichaan irratti gaggeefamuun alatti lubbuun isaanii shiftootaan ba’aa Kan jiru yoo ta’u, ammas ilmaan Oromoo biyyoota akka Yaman, Sawud Arabiyaa fi Dubaay jiraatan irratti rakkooleen gurguddoon uumamaa jiran akkaan yaaddessaa ta’uun himame.
Haaluma kanaan biyya Yaman kutaa magaalota hedduu keessatti shiftootni biyyichaa ilmaan Oromoo hedduu qabuun eega miliqsaniin booda maallaqa gurguddaa gaafachuun yoo isaan kaffalan gadi dhiisaa yoo isaan kaffaluu baatan ammoo itti taphachuun lubbuu namoota hedduu illee baasaa jiraachuu maddeen achii dubbatu.
Ilmaan Oromoo dhiibbaa mootummaa abbaa irree baqachuuf akkasumas jireenya isaanii fooyyeffachuuf biyya Ormaatti baqatanillee, biyya itti baqatanittis wabii dhabuun haala ulfaataa keessaa kan jiraniifi yakka Shiftoota biyya Yaman kanaanis lubbuu isaanii kan dhabanis Oromoota hedduu ta’uunis dabaluun gabaafame.




