• Wed. Nov 29th, 2023

Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti waraanni maafi’aa PP dargaggoo tokko qabanii hidhuun miidhaa qaamaa irraan ga’uun barame

Oct 13, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2023

Qabsoo dargaggootni bara Haayila Sillaasee keessa maqaa Lafti qotee bulaaf jedhuun eegalan fashaleessuuf, dhiibbaa fi yaalii sirnichi dargaggoota qareeyyii adamsee hidhuu fi ajjeesuu akkasumas achi buutee dhabamsiisuu irratti xiyyeeffachuun taasise dhaamsuu kan dadhabe yoo ta’u, bara kanas qabsoo Oromoo kallachummaa ABO-WBOn gaggeeffamaa jiru gufachiisuuf tarkaanfii PPn qeerroo Oromoo irratti fudhachaa jiru dhaalmayaa sirnoota darban irraa dhufe mullisa.

Haaluma kanaanis Biltsiginnaan dargaggoota hedduutti maqaa Finxaalessummaa maxxansuun dararaa jabaa irraan ga’aa kan jiru yoo ta’u, Dargaggoo maqaan isaa Jaabir Abdurrazaaq jedhamus dheengadda jechuunis Onkoloolessa 10, 2023 godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Haroo keessaa loltootni PP qabuun mooraa waraanaa aanichaatti haga hardhaa hidhanii akka jiran maddeen himan.

Waraanni sirnichaa Dargaggoo kana qaban kunneen reebicha ulfaataa irratti geggeessaniin haalli fayyumaa isaa yaaddessaa ta’uu kan himan maddeen, haadhi dargaggoo Jaabir abboota gadaa fudhatanii ilma isaanii gaafachuuf deemanillee humnoota waraanaan bakkasii akka ari’amanii fi haga ammaattis mana yaalaa dhorkatamee du’aaf jireenya gidduu jiraachuus ibsan.

Leave a Reply