• Wed. Nov 29th, 2023

Tuutni Hawwaannisaa gammoojjii kutaalee Itoophiyaa keessatti argame

Oct 16, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2023

Impaayera Itoophiyaa keessatti gammoojjii mootummaa naannolee shan fi bulchiinsa magaalaa tokko keessatti tutni hawwaannisaa argamuu qondaalli bilxiginnaa tokko Sanbata darbe Onkoloolessa 14, 2023 ibsaniiru.

Miidiyaalee mootummaa fi ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Ministeera  Muummeetti Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa aadde Selamawit Kaasaa akka jedhanitti, godinaalee Affaar, Amaaraa, Somaalee, Tigraay fi Oromiyaa akkasumas bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaatti tuutni hawwaannisa gammoojjii argameera jedhan.

Qondaalli kun akka jedhanitti hanga ammaatti walumaa galatti midhaan heektaara kuma 25 ta’u tuuta hawwaannisa gammoojjiitiin kan miidhame yoo ta’u, kunis oomishni midhaanii akka gadi bu’uu fi naannolee miidhaman kana keessatti jireenya qonnaan bultootaa irratti miidhaa geessisaa jira.

To’annoo farra raammoo qindoominaan hirmaannaa uummataa qonnaan bultootaatiin tumsa hawwaannisa gammoojjii ittisuuf mala aadaa fi ammayyaa fayyadamuun biifama qilleensaa fi konkolaataa dabalatee taasifamaa jiraachuu aadde Selaamaawwit haa kaastu malee, rakkoo qonnaan bultoota mudate kanaaf murni bilxiginnaa yeroo akka hin qaqqabne beekamaa dha.

Lafti heektaara kuma 317 naannoo Oromiyaa, Affaarii fi Tigraay zoonii 15 keessatti tuutni irraa  argameera kan jedhan qondaalli kun, weerara tarmii ittisuuf akkuma barame tarkaanfiiwwan farra raammoo aadaa fi ammayyaa gaggeeffamaa akka jiru ibsuun alatti qonnaan bultoota rakkoo kanaan rakkataniif furmaata waaraa akka hin keenye ibsa Sanbata darbe miidiyaaleef kannanii fi gaazexaan adda addaa maxxansaniin beekuun danda’aameera.

Leave a Reply