• Wed. Nov 25th, 2026

IMF GDPn Itiyoophiyaa lakkoofsa mootummaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu saffisa gadi aanaadhaan akka guddatu tilmaamuun barame

Oct 17, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2023

Tilmaamni guddina dinagdee Itiyoophiyaa gabaasa walfaallaa ta’een kan dhiyaate yoo ta’u, Fandiin Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) lakkoofsa mootummaan walbira qabamee yoo ilaalamu guddina gadi aanaa ta’uu tilmaameera.

Akka tilmaama IMF baatii Onkoloolessaa  kana baaseetti, Itiyoophiyaan dhuma bara 2023tti guddina oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) dhibbentaa 6.1 galmaan gahuuf kan eegamu yoo ta’u, bara 2024tti guddina dhibbentaa 6.2 akka argattu tilmaamameera.

Lakkoofsi kun ragaa mootummaan ofiisaa  raawwii dinagdeen hojii cimaan hojjedhe jedhu irraa   adda agarsiisu.

Walgahii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa  fi Manni Maree Federeeshinii  torban darbe gaggeeffameen, Pirezidaanti Sahle-Work Zewde bara baajataa 2022/23tti biyyattiin guddina dinagdee  dhibbentaa 7.5 galmeessisuun xumurame jechuun beeksisaniiru.

Pirezidaantittiin Kun dhuma bara baajataa kanaattis guddina dinagdee 7.9 galmaan ga’uuf mootummaan isaanii qabu ibsaniiru.

Guddina dinagdee biyyoota Saharan gadiin  Moozaambiik naannichatti guddina olaanaa dhibbentaa 7 galmeessisuuf kan tilmaamamte yoo ta’u, Rippabilikni Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) 6.7, Ruwaandaa fi Ayivoorii Koost 6.2n itti dhiyeenyaan itti aananii  jiru.

Haa ta’u malee, gabaasni kun akka ibsutti, Afrikaan Sahaaraa gadii waggaa lammaffaaf walitti aansuun guddinni akka hir’atu kan eegamu yoo ta’u, bara 2023tti %3.3 akka ta’u tilmaamameera.

Gabaasni IMF kun bara 2023 dinagdee Afrikaa Sahaaraa gadii irratti qormaata akka ta’e cimsee kan ibsu yoo ta’u, kunis gartokkoon isaa rifannoota qaala’iinsa jireenyaa waraana Raashiyaan Yukireen keessatti uumameen kan ka’e ta’uu ibsameera.  Waldhabdeen kun dhala addunyaa akka olka’u taasiseera, kunis fedhiin idil-addunyaa akka suuta jedhu, babal’inni akka dabalu fi dhiibbaa itti fufiinsa qabu sharafa alaa irratti akka uumamu taasiseera.

Dhuma bara 2023tti qaala’iinsi jireenyaa diinagdee gurguddoo naannichaa kanneen akka Itoophiyaa, Gaanaa, fi Naayijeeriyaa dabalatee biyyoota 14 keessatti dijiitii lamaa ta’ee akka turu eegama. 

Akka Tajaajilli Istaatistiksii Itoophiyaa jedhutti qaala’iinsi jireenyaa Itoophiyaa keessatti yaaddoo guddaa ta’ee itti fufee jira, ji’a Adoolessaa 2023 keessa dhibbentaa 28.8 kan ga’e yon ta’u, yaaddoo guddaa kan ta’e  qaala’iinsi jireenyaa nyaataa dhibbentaa 27 ta’ee jirachuu isaati.

Biyyoota akka Itiyoophiyaatti hanqinni maallaqa alaa fi gatiin maallaqa isaanii saffisaan gadi bu’aa jiru keessatti dhiibbaan qaala’iinsa jireenyaa dabaluu itti fufuu akka danda’u gabaasni IMF ni mul’isa jechuun gabaasa Dhaabbata IMF fi Addis Standard irraa arganne ni addeessa.

Leave a Reply