ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2023
Qabsooftuu fi weellistuun angafaa guca taatee aartii Oromoo keessaa iftu Haloo Daawween, Umurii ishee daa’imummaa irraa qabdee waggoota 40 Oliif sirboota afaan Oromoo uummata ishee biraan ga’aa turuun kabajaa fi seenaa guddaan yaadatamti.
Dachiin Afran qalloo kan biqilche gootittiin Oromoo Haloo Daawwee Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti dhalachuun achumatti kan guddattee fi Umurii ishee ganna 15tti Hawwisoo biiftuu biyya keenyaa jedhamutti makamuun aartii Oromoo keessaa qooda guddaa ba’aachaa kan turte yoo ta’u, Kaaseta sirbaa 10 dhuunfaa isheetti, kaaseta 13 ammoo namoota waliin hojjechuun walumaa galatti sirboota kaaseta 23 uummata ishee biraan ga’uu dandeesseetti.
Haati qabsoo Oromoo aartist Haloo Daawwee bara Afaan Oromoo dubbachuun akka qaaniitti ilaalamu keessa waltajjiilee garaa garaa irra naanna’uun sirboota Afaan Oromoo sirbitee fakkeenyummaa guddaa ta’aa kan turte yoo ta’u, Cichoominaa fi kutannoo guddaa Eenyummaa ishee irratti qabduunis guutummaa Bara jireenya isheetii Oromoof Oromummaa leellisaa, ergaa sirboota isheetiinis miciree Sabboonummaa ilmaan Oromoo hedduu keessatti biqilchuu dandeesseetti.
Aartist Haloo Daawwee Qabsooftuu, weellistuu, sabboontuu fi Haadha qabsoo fi qabsaa’ota Oromoo taatee nama jiraattee fi jaalalaa fi mararfannaa ilma namaaf qabduunis kan beektamtu yoo taatu, Dhibee Sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa yeroo dheeraatiif dhukkubsachaa turte dandamachuu dadhabuunis Onkoloolessa 14, 2023 uummataa fi maatii akkasumas biyya ishee Jaallattu Oromiyaa irraa du’aan adda ba’uun beekamera.



















