ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2023
Akka seera idil addunyaatti namni tokko balleessaa isaatiif fuula seera duratti dhiyaatee Murtii fudhachuun, adabbii seeraatiin yakka isaa kan xumuratu yoo ta’u, adeemsa Seera yakkaa impaayerattiin tumatteenis yakki nama tokkoo sa’a 24 gaditti qoratamee qulqullaa’uu osoo qabuu, Abbootiin irree impaayerattii bitanii jiran garuu ilma namaa gaaffii fi Murtii tokko malee waggootaaf hidhanii dararaa jiru.
Oduuma kanaanis Godina Wallagga Bahaa aanaa Saasiggaa keessatti ilmaan Oromoo hedduun Caasaa WBOti, isintu soora akkasumas daandii itti agarsiisuun isintu waliif gadi sochoosa maqaa jedhuun hidhamanii yeroo dheeraaf dararamaa kan jiran yoo ta’u, Gammachuu Mitikkuu nama Waggaa 1 fi ji’a 3 hidhamee fi Abdii Alamaayyoo namni ji’a shaniif hidhamee hiraarfamaa jiru, namoota Barjaan kun itti maxxanfamuun dararamaa jiran keessaa warreen maqaan nu ga’eedha.
Aanaa kana keessatti hidhaa, ajjeechaa fi saamicha dabalatee yakkootni waraanaa loltoota impaayerattiin raawwatamaa jiran haalaan hammachaa jiraachuun walqabatee namootni hedduun illee gara magaalota birootti kan baqatan ta’uu jiraattotni dubbatan.


