ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2023
Akkuma anga’ootni bilxiginnaa miidiyaa isaaniin ba’aanii yeroo duulli duguuggaa sanyii uummata naannoo Tigiraay irratti geggeeffamaa ture humni Faannoo gaachana biyyaati jechaa turan, yeroo ammaas Karaa tokko akka waanta jibba qabaniifiitti dubbachaa bifa lafa jalaan humnoota kana ijaara akka jiranis ragaalee hedduun ni mul’isu.
Bifuma kanaanis torbee darbe keessa godina wallagga bahaa aanaa Sibuu Siree ganda Baqqoo jimaa jedhamu keessaa bulchaan gandichaa waraqaa eenyummeessaa laachuufin namoota sadii bobbaasuu hojjetaan gandichaa quuqama Oromummaa qabu tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
Humnootni Faannoo bifa uummataan socho’aa turan sadanuu meeshaalee akka rasaasa AKM 90, boombii 5, rasaasa Piistoo baay’inni isaa 35 ta’ee fi Piistoo sadii qabatanii gara aanaa Guutoo Giddaatti osoo socho’aa jiranii bakka addaa Luugoo jedhamutti qabamuun beekame.
