• Wed. Nov 29th, 2023

Irreecha kabajuuf namootni konkolaataa uummataa tokkoon magaalaa Finfinnee seenan loltoota bilxiginnaan ukkaamfamuun hanga hardhaa achi buutee dhabamuun beekame

Oct 19, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2023

Ayyaana irreechaaf namootni konkolaataa Aayiruufii lakkoofsi gabatee isaa 38916 ta’een Godina Kibba Lixa Shaggar magaalaa Walisoo irraa gara magaalaa Finfinnee seenan Waraana PPn ukkaamfamuun haga hardhaatti kan dhabaman yoo ta’u, guyyaa sanarraa eegalee iyyaafannaa fi barbaachi maatii fi firoota akkasumas namoota itti siqeenya isaa qabaniin gaggeeffamus bakka kana jiru qaamni jedhu dhabamuu maddeen himan.

Konkolaachisaa maqaan isaa Daawit jedhamu dabalatee namootni konkolaaticha keessa turan cufti kan ukkaamfaman yoo ta’u, sabboontotni ilmaan Oromoo kunneen haala ulfaataa keessa jiraachuu waan malaniif qaamotni Mirga namoomaaf dhaabbbatan iyyafannoo akka taasisanis jiraattotni gaafatan.

Oduu biraatiin ammoo Naannoo kibbaa magaalaa walqixxee, guraagee fi Uummata Qabeenaa warra obbolaa Oromooti jedhamuun sirna Gadaatiin buluu qabna akkasumas irreecha duudhaa keenya godhannee kabajanna jechuun habashoota waliin falmarra jiranitti Bilxiginnaan loltoota Kibbarraa itti bobbbaasuun nama nagaa sadii yoo jalaa ajjeesu hedduu ammoo madeessee namoota 50 olis mana hidhaa guraageetti dararaa jiraachuun barame.

Leave a Reply