• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa keessatti loltootni bilxiginnaa manneen jiraattotaa gubuun, namoota hedduus hidhuun beekame

Oct 20, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2023

Sarbamiinsi mirga namoomaa dhaabbata mirga namoomaa fi Gamtaa mootummoota addunyaa jalaa dhokachuun uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru birmannaa dhabuun, yakkoota waraanaa Oromiyaa keessatti hidhattoota impaayerattiin gaggeeffamaa jiruuf haala mijataa uumee gochichi akka tarkaanfatuuf sababa ta’aa jira.

Tarkaanfii yakkaa uummata nagaa irratti fudhatamaa jiru kanaanis Onkoloolessa 17, 2023 godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa ganda Akoo Kaa’eraa jedhamu keessatti waraanni PP uummata nagaatti bobba’aan manneen Jiraattotaa 10 Ibiddaan gubanii barbadeessuun, namoota 50 ol ta’aan ammoo mana hidhaatti guuruu maddeen himan.

Ilmaan Oromoo guyyaa kana qabamanii hidhamuun hiraarfamaa jiran keessaa Abdulkariim Bariisoo, Mohaammed Huseeniif Huseen Abdullaayii Abbaaf ilma dabalatee namootni gariin kanaan dura qabamanii waggaa tokkoo oliif mana hidhaa keesssatti hiraarfamaa turuu kan himan maddeen, qe’ee jiraattotaa gubuu fi namoota nagaa hidhaatti guuruu kunis Maqaa deggertoota WBOti jedhuun ta’uus dubbatan.

Leave a Reply