ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2023
Ajjeechaan guyyuu uummata Oromoo irratti raawwatama jiru xiiqii fi booree sabicha keessatti biqilchee daran qabsoof onnachiisaa kan jiru ta’uu quba kan hin qabne ergamtootni PP, qabsicha mogolee buusuuf sabboontotaa fi qaqqaalii dargaggoota Oromoo adamsee dhabamsiisuu hardhas furmaata taasifatee itti jira.
Dheengadda jechuunis Onkoloolessa 18, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda Gallayyoo Guutee jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Gammachiis Taammanaa jedhamu loltoota sirnichaa naamusa waraanummaa hin qabneen rasaasaan rukutamee ajjeefamuun beekame.
Dargaggoon gara jabeenya loltoota impaayerattiin ajjeefame kun nama jireenya isaa mo’achuuf carraaqu malee tuttuqaa siyaasaa kan hin qabne ta’uunis kan beekamee fi ajjeechaan dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffate golee Oromiyaa mara keessatti gaggeeffamaa jiraachuus gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

