• Wed. Nov 29th, 2023

Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dolloo Keessatti dargaggeessi tokko milishaa sirna bilxiginnaan ajjeefamuun himame

Oct 23, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2023

Siyaasni hiikoo Kan harkatti dhabe kaadirootni PP ajjeessuu akka furmaata waaraatti ilaaluun, sagantaa guyyuu godhatanii dargaggoota Oromoo dhabamsiisaa jiru.

Onkoloolessa  21, 2023 jiraataa godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dolloo ganda 07 Kan ta’e namni maqaan isaa Maammush Tasfaa Oliiqaa jedhamu balleessaa tokko malee milishaa sirna bilxiginnaan ajjeefamuutu dubbatama.

Dargaggeessi kun dhibee sammuu akka qabu Kan dubbatan maddeen, daandii gubbaatti Waaree booda naannoo sa’a 8:00tti milishootni torbee darbe leenjii fudhachaa turanii eebbifamanii bobbaa’an tarkaanfii ajjeechaa gara-laafummaa tokko malee irratti fudhachuu maddeen dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply