ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2023
Oromiyaa keessatti ajjeechaan waraana goolessaa PP’n raawwatu haalaan dabalaa Kan jiru yoo ta’u, waggoottan Koloneel Abiy Ayimad gara aangootti dhufee eegalee lubbuun ilma namaa hanga bineeensaa kabaja dhabuun ekeraan du’aa qe’ee namaa irra labaa jira.
Bifuma kanaanis Onkoloolessa 21, 2023 godina lixa Wallaggaa aanaa Gimbii keessatti namni maqaan isaa Daani’eel Dabalaa jedhamu osoo balleessaa hin qabaatin waraana maafi’aa PP’n akka ajjeefame maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa aanaa Gimbii dubbatu.
Akka jiraattotni aanaa Gimbii dubbatanitti bulchiinsa magaalaa Gimbii dabalatee aanota godinichaa hedduu keessatti hidhaa fi ajjeechaan jabaatee itti fufuun namnuu jiraachuuf wabii jireenyaa dhabee abdii kutannaa guddaa keessa galee jiraachuu dubbachuun, dabalataanis jiraattonni magaalaa Gimbii uummanni Oromoo sagalee nuuf ta’aa jechuun himatu.


