• Wed. Nov 29th, 2023

Ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu cimee itti fufuun lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti qonnaan bulaa tokko hidhattoonni garee maafi’aa PP ajjeesan 

Oct 24, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2023

Lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti torbanoota kana qofa keessa manneen namoota 22 olii gubachuu fi lubbuun namootaas darbaa kan jiru ta’u odeessi jiraattota irraa argame ni mul’isa.

Hidhattootni kunneenis namoota nagaa gochaa isaanii malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu fi nyaachistuun gochoota suukanneessaa ta’an namoota nagaa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u namoonni hedduunis qabeenya isaanii dabalatee lubbuun isaaniis aanicha keessatti guyyaa guyyaan akka baala harcaa’a oola.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Onkoloolessa 23, 2023 ganda Qorichaa Kootichaa keessatti qonnaan bulaa maqaan isaa Tarrafaa Daandeessaa jedhamu ija maatii isaa duratti rasaasa itti roobsun ajjeesanii biraa deeman jechuun jiraattotni ONMtti himaniiru.

Aanicha keessatti gubaatii manneenii dabalatee ajjeechaan guyyaa guyyaan kan itti fufee jiru ta’u jiraattotni himuun, namoonni hedduunis jiruu baqaaf saaxilamanii bosonatti galanii rakkachaa jirus jedhaniiru.

Leave a Reply