ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2023
Kibba Israa’elitti haleellaa diroonii shakkamaa tureen booda Hamaas diroonota 2 gara sanatti furguggisuu ibseera.
Hamaas, Telegram isaaniin diroonii lama fayyadamuun buufata waraana Israa’el haleeluu dubbatee ture.
Haa ta’u malee waraanni Israa’el akka jedhutti dirooniin lama “Gaazaa irraa gara naannoo Israa’elitti qaxxaamuruu ibsuun lamaan isaanii iyyuu nannoo Gaazaatti dhiyoo kan taate” Nir Oz fi Ein HaBesor jirutti lamaan isaaniiyyuu ”fashalaa’aniiru” jedhan.
Akkaataa itti fashalaa’ee fi diroonii Libaanos irraa dhufu itti qolatan bal’inaan hin ibsine jechuun BBCn gabaaseera.
Oduma Gaazaan wal qabatuun haleellaa qilleensaa Israa’el Raafah irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 18 ajjeefamuu Aljazeeraan gabaaseera.
Haleellaan qilleensaa Israa’el kibba, Gaazaa bakka Raafaa jedhamu keessatti raawwatteen yoo xiqqaate namootni 18 akka ajjeeffaman dhaga’aa jirra jechuun ministeerri biyya keessaa ibseera.
‘Guyyaatti daa’imman nageenya hin qabne 166’: Tajaajila fayyaa Haleellaa Israa’el humna qilleensaan raawwattuun dhaabbilee fayyaa mancaa’aniif dubartoonni ulfaa naannoo Gaazaa keessa jiran tilmaamaan kuma 50 ta’an kunuunsa fayyaa haadholii argachuuf qormaatni isaan mudachaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Itti dabaluudhaanis ministeerichi ibsa baaseen guyyaatti dubartoonni 166 ta’an “da’umsa nageenya hin qabne” geggeessaa jiraachuu ibseera.
Akka ministeerri fayyaa kun jedhetti ”ji’a itti aanutti Gaazaa keessatti dubartoonni 5,500 ni da’u jedhamee eegama.
Dhiibbaa mirga namoomaa Gaazaa keessatti uumamaa jiruu ilaalchisee balaaleffannaan biyyoota adda addaa keessatti kan itti fufe yoo ta’u, deggersi namoomaas itti fufee jira.
Akka BBCn gabaasetti Ingiliziin gargaarsa namoomaa uummata Faalasxiiniif paawundii miliyoona 20 ramaduu beeksiseera.




