ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2023
Dargaggootni Oromoo Sumsuma Impaayera Itoophiyaa gidduutti giimii shiraa maqaa garaa garaa moggaafateen yeroo irraa gara yerootti gubachaa, Hiree hamtuu isaan mudatte keessummeessuun manneen hidhaa sirnichaa hedduu keessatti hiraarfamaa jiru.
Oduuma kanaan walqabatuun Dhiha Oromiyaa aanaa Yuubdoo bulchiinsa magaalaa Yuubdoo keessatti dargaggootni Oromoo hedduun Fuula Facebook keessanii irratti gadda WBO labsuun miidiyaa hawaasaa irra naannessitan jedhamuun qabamanii hiraarfamaa jiraachuun kan beekame yoo ta’u, dargaggootni Sanyii Bantii,
Damee Indaaluu, Zawugaa Gaaddisaa, Gammee Taaddasee, Zawudee kumarraa,
Kalid Muhammad, Taammee Tafarraa,
Eebbisaa Caalaa akkasumas shamarran Ayyittii kaffaalee, Hawwii Shuutaraa fi Qananii Wandimmuu jedhaman warreen maqaan nu ga’eedha.
Dargaggootni kunneen buufata poolisii magaalaa Yuubdoo ganda 01 keessatti argamutti hidhamtoota siyaasaa yeroo dheeraa waggaa 3 oliitti tilmaamamu hidhamanii hiraarfamaa jiran waliin gidiraa fi reebicha mana hidhaa dhamdhamaa jiraachuun himame.

