ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2023
Murni faashistii PP lixa Oromiyaatti weerarri dhukkuba busaa akka eegaluuf manneen qonnaan bulaa keemikaala farra bookee buusaa biifuu dhiisuu, saphana keemikaalaan cuuphame hiruu dhiisuu fi qoricha buufataalee fayyaa hanga hospitaalaatti dhabamsiisuun uummatni Oromoo naannichaa lubbuu akka hobba’u gochaa ture.
Rakkoon kun sadarkaa murni bilxiginnaa dhoksuu dadhabuu irra ga’uun hawaasni Oromoo keessaa fi alaa akkasumas dhaabbileen gargaarsaa nyaata daa’immanii fi qorichoota garaagaraa naannolee dhukkuba busaan rukutamaniitti fe’anis qaamotni bilxiginnaa namoota dhuunfaa waliin ta’uun baasanii gurgurachaa jiru.
Aanuma Qondaalaa ganda Gumaa Gaara Arbaa bakka Tulluu Barcumaatti Keemikaalli farra bookee busaa 11 nama maqaan isaa Abdurrahiim Leencaa jedhamu biratti qabamuun hawaasni naannoo akka hiratu taasifame jira.
Kana malees Keemikaalli farra bookee busaa fi qorichi isaa waajjira fayyaa aanichaatii ba’uun magaalaa Ashuunfaa fi Qondaalaa kilinika dhuunfaatti gurguramuun hawaasni gatii qaaliin bitachuun fayyadamaa akka jiran dubbatu.
Lixa Oromiyaa keessatti yeroo aartistoota Oromoo Galaanaa Gaaromsaa, Hawwii Tazarraa hanga nama dhuunfaa Kara Deemaatti lammiilee isaanii dhukkuba busaan miidhaman Begii fi Qondaala keessatti gargaaruuf hojjechaa jiranitti caasaan murna bilxiginnaa waan gargaarsaan dhufe hawaasa biraan ga’uu irra dantaa isaaniif oolfachuuf hojjechaa waan jiraniif hawaasni naannoo xiyyeeffannoo hordofuu qabdu jechuun hawaasni aanichaa dubbatan.
Kun kanaan osoo jiruu kaabinonnii PP aanaa Qondaalaa Solomoon Margaa, Dassaalenyi Jiraa, Abduu Bushiraa fi kan maqaan isaanii hin ibsamne gargaarsa midhaanii waldaa Qaxxaamura Diimaa Addunyaa hawaasaaf dhufe qamadii fi daakuu furnoo namoota rakkatanii iyyataaf waajjira bulchiinsaa oolan dhiisuun fe’anii abbootii qabeenyaa dukkaanaa fi kuusaa midhaanii qabanitti gurgurachaa jiraachuu fi hawaasni komee kaasaa turuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


