• Mon. Mar 16th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Sadeen Sooddoo keessatti murni bilxiginnaa hidhattoota sirnichaaf leenjii kennuun waraana bilisummaa Oromoo fakkeessee saamaa jiraachuu jiraattotni dubbatu

Oct 27, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2023 

Oromiyaa keessatti karaalee ittiin uummanni Oromoo waraana bilisummaa Oromoo balaaleffatu uumuuf jecha murni bilxiginnaa waggoota shanan darbanii kaasee garee ijaaruun gochoota fokkisoo uummata nagaa irratti raawwachaa turuun isaa kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaanis kibba lixa Shaggar aanaa Sadeen Sooddoo ganda Goodaa Dullattii dabalatee gandoota waraanni bilisummaa Oromoo keessa socho’u cufa keessatti torbanoota darban irra kaasuun kaabinoonni sirnichaa rifeensa sobaa (artificial) rifeensa WBO fakkeessuun ani waraana bilisummaa Oromooti,  maallaqa hanganaa fidi yoo didde sin ajjeesaa jechuun uummata akka saamaaniif garee ijaaree bobbaasuu jiraattotni gandoota kanneenii dubbatu.

Akka jiraattonni gandoota kanneenii jedhanittis maalummaa isaanii dhoksuuf fuula isaanii haguuganii saamicha kana raawwachaa jiru jechuun, namoonni gochaa kana irratti bobba’aanii jiranis hidhaattootuma sirnichaa halkan bifa jijjiirrachuun nu waraana bilisummaa Oromooti jedhanii uummata saamaa jiran ta’uu dubbatan.

Itti dabaluunis naannoo itti saamicha geggeessan kana waraanni bilisummaa Oromoo akka hin jirre dubbachuun ofuma isaaniitii maqaa waraaana bilisummaa Oromoo xureessuuf hojjechaa jiraachuu fi waraanni Bilisummaa Oromoo akka gocha akkasii hin hojjannes ragaa ba’uu himan.

Waraanni Bilisummaa Oromoos gama isaan, waraanni bilisummaa Oromoo waraana uummatichaaf qabsaa’e malee waraana uummaticha gidirsuuf ba’ee miti waan ta’eef, murni bilxiginnaa uummataaf Waraana Bilisummaa Oromoo walitti buusuuf shira siyaasaa taphachaa jira jechuun, uummanni Oromoos of eegannoo akka godhuu fi gochoonni fokkisoon akkasii Waraana Bilisummaa Oromoo akka hin ibsines dhaamaniiru.

Akkasuma dhiheenyuma kana godinoota kibba lixa Shaggar keessatti basaastonni hedduun magaalaa Walisoo keessatti leenjii fudhatanii aanaalee godinichaa keessaa akka raabsaman gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading