ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2023
Dhibee yeroo ammaa golee Oromiyaa guutuu keessatti ilmaan Oromoo fixaa jiruuf, sababni angafaa bulchiinsa bilxiginnaa aangoo irra jiru yoo ta’u, dhaabbileen miti mootummaa adda addaa hawaasa dhibee Busaan miidhama jiraniif yeroo gargaarsa godhanitti, waraannii fi kaadirootni PP saamaa jiraachuun himame.
Akka kanaanis godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baqqoo Jimaa keessatti gargaarsa waldaan Fannoo Diimaa fi waajjirri Buusaa Gonofaa hawaasaaf taasisaa jiru kanneen Akka qorichaa fi nyaata daa’immanii kaadirootni PP fedhii dhuunfaa isaaniif olfachuuf jecha akka uummatni hin fudhanneef ugguraa jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Dursa maqaa gargaarsa kanaa of fuldura qabuun tokkoo tokkoo namoota irraa maallaqa 170 funaanuun boodarra garuu akkaataa walitti dhufeenyaa fi warreen maatii milishoota ta’aan yookiin deggertoota paartii badhaadhinaa qofaaf jechuun nu dhorkatan jechuun jiraattotni aanaa Sibuu Siree Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbisee himatu.


