• Fri. Apr 24th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo keessatti Finxaaleyyiin Amaaraa weerara marsaa lammaffaa banuuf qophiitti jiru jedhu maddeen 

Nov 1, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2023

Oftuultotniif dhippoonni Ilmaan minilik abjuu abboota isaanii dhugoomsanii Impaayera itoophiyaa olaantummaan Nafxanyootaa keessatti leellifamu ijaaruuf abjoochaa jiran, Oromiyaa wiirtuu Impaayera isaanii godhachuuf karoora baafatan milkeessuuf daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun uummata Oromoo lafarraa duguugaa jiru.

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee hedduu seenuun dhiiga Ilmaan Oromoo dhangalaasaa, qe’eef qabeenya hawaasaa gubanii barbadeessaa akkasumas Horii uummata Oromoo hedduu ooffachuun gaaga’ama guddaa uumaa kan turan Finxaalessitootni Amaaraa Faannoon weerara marsaa lammaffaa eegaluuf qophiitti jiraachuu maddeen itti siqeenyaan beekan addeessan.

Iccitii Onkoloolessa 29, 2023 miliqxee baateen hubachuun akka danda’aametti humnootni kunneen weerara torban kana keessa eegaluuf karoorsaniin qotee bultoota gandoota Botoroo Booraa, Iddoo Boxii, Cahii fi Dabbisiitti lola banuudhaan eega buqqisaniin booda, humna karaa Tullu Gaanaa fi Tullu Laaftoo jiru Waliin waldhuunfatanii magaalaa aanaa kan taate Tulluu Waayyuu akka salphaatti weeraruun uummata Oromoo jumlaan ajjeesanii, qabeenya argatan saamuun, magaalicha barbadeessanii ba’uu waliif galuu himan.

Akeekni isaanii olaanaan uummata Oromoo lafarraa duguuganii seenaa abbootni isaanii harkaaf harma muruun sabicha irratti raawwatan irra deebiyuu kan ta’e Finxaalessitootni kunneeen, uummata nagaa daangaa aanichaa irra jiranitti duuluuf sagantaa baldhaa waan qabaniif uummatni naannoolee kana irra jiran of eeggannoof qophii akka taasisanis maddeen dabaluun dhaaman.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading