• Sun. Apr 26th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti hidhaa fi saamichi jiraattota irratti jabaachuun himame

Nov 5, 2023

ONM-ABO Sadaasa 4, 2023

Uummatni Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo, weerara finxaalessitootni Amaaraa jibba eenyummaa isaaniif jecha waggoota dheeraaf irratti gaggeessaa turan dura gootummaan dhaabbachuun ofirraa qolachaa kan ture yoo ta’u, Uummaticha laaffisuuf ajjeechaa, hidhaa fi Saamichi kallattii murna PP’n gaggeeffamaa jiru hammaachaa jiraachuu maddeen dubbatu.

Odeessa maddeen godinichaarraa arganneen beekuun akka danda’aametti Sadaasa 2, 2023 Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti namoota nagaa hirmaannaa siyaasaa keessaa hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaaniitti bobba’uun ofiif maatii isaanii jiraachisan isin deggertoota WBOti jechuun hidhaa kan jiran yoo ta’u, Namootni Mohaammed Sayidii fi Hasan Arbiyyee jedhamanis warreeen ammaaf hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa kan maqaan isaanii adda ba’e ta’uus himan.

Akka maddeen dabaluun himanitti namoota qabamanii hidhamaa jiran kanneen jalaa maallaqaa fi bilbiloota harkaa saaamaa kan jiran yoo ta’u, mana Hidhaa Caffaa Roobit jedhamu keessatti dararaa jiraachuu dubbatan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading