ONM-ABO Sadaasa 7, 2023
Gabaasni Aljazeeraa kaleessa qabatee ba’e akka ibsutti waraanni Isiraa’el Libaanos irraa dhukaasni gara 30 ta’u Kaaba Isiraa’elitti dhukaafamuu beeksisuu ishee ibse.
Dhukaasa kanas humni waraana Isiraa’el meeshaa waraanaatiin “gara ka’umsa furguggifamaattii” deebii kennaa jirra kan jedhan yoo ta’u, gabaasichi qaama kam irraa akka itti furguggifame hin eerre.
Haleellaa Isiraa’el irratti geggeeffamaa jiruun wal qabateen Birgeedii Qassam-Libaanos rookkeettii 16 gara kaaba Israa’elitti dhukaase jedhe.
Ibsa Telegram isaa irratti maxxanseen Birgeedii Qassam-Libaanos Nahariyyaa fi kibba Haifaa irratti dhukaasa banuu ibseera.
Dhukaasni kun kan raawwatame deebii Israa’el “ajjeechaa fi weerara ummata keenya Gaazaa irratti raawwatteef” jechuun gareen kun beeksise.
Israa’el fi Hamaas haleellaa torban arfaffaa lakkoofsiseen meeshaalee waraanaan wal rukutuun cinatti wal komachaa kan jiran yoo ta’u, Hamaas gama isaatiin Israa’el waa’ee hospitaalotaa soba facaasaa jirti jechuun komee isheen dhiyeessitee turteef deebii laate.
Dubbi himaan Hamaas Osaamaa Hamdaan Beerutitti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin Waraanni Israa’el dirree irratti kufaatii waraanaa isaan mudate dhoksuuf soba facaasaa jiru jedhe.
Himannaan Hamaas Israa’el hospitaalonni akka bakka misaa’ela itti furguggifasanitti fayyadamaa jiran jette sababa kan hin qabne ta’uu ibsuun kufaatiin Onkoloolessa 7 irra gahe sobaan haguuguun hin danda’u jedhan.
Kana malees ibsa isaaniin Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hospitaalota daawwachuun soba Israa’el akka mirkaneessu gaafannas jedhaniiru.
Kun kanaan osoo jiruu dubbii himaan ministeera fayyaa Gaazaa Israa’el hospitaala Al-Shifaaf “waan hamaa qopheessaa akka jirtu” akeekkachiiseera.
Dubbi himaan kun akka jedhanitti, hospitaalichi buqqaatota dabalatee, namoota mada’aan, dhukkubsattoota tiruu daayaliisii fi daa’imman reefuu dhalatan kumaatamaan lakkaa’aman kutaalee yaala cimaa daa’immanii keessatti kan keessummeessuu waan ta’eef, baqachuun hin danda’amu jedhu.
Kanaafis hospitaala al-Shifaa eeguun itti gaafatamummaa UN, WHO, Fannoo Diimaa fi kanneen biroo waan ta’eef sana gochuuf hojimaata murteessaa fudhachuu qabu,” jedhan.
”Hospitaalichi tajaajilaa ala yoo ta’e dhukkubsattootas ta’e kanneen miidhamaniif kunuunsi fayyaa hin jiraatu. Kun akeekkachiisa waan ta’eef hospitaalli kun addunyaa guutuun eegumsa argachuu qaba,” jechuu gabaasni Aljazeeraa irraa arganne ni addeessa.
