• Sun. Mar 15th, 2026

Waraanni PP aanaa qondaalaa maadheffatan dhukaasa wal irratti bananiin miseensota 5 wal irraa ajjeesuun dhaga’aame

Nov 8, 2023

ONM-ABO Sadaasa 8, 2023

Miseensotni waraana Bilxiginnaa amilee dhabuu fi abdii kutannaa irraa ka’uun sirnicha gananii keessaa miliqaa, qawwee harkaa qabaniin rukutaanii of ajjeesaa akkasumas sabaan walqooduun dhukaasa walitti bananii lubbuu wal irraa balleessaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Haaluma kanaanis, Lixa Oromiyaa aanaa Qondaalaa magaalaa qondaalaa maadheffatanii kan jiran loltootni maafi’aa PP Sadaasa 6, 2023 mooraa isaanii Kan bakka bashannana dargaggootaa jedhamu keessaa Sabaan walqooduun dhukaasa miseensotni Ilmaan Oromoo fi Amaaraa wal irratti bananiin Lubbuun nama 5 battalatti darbuu fi miidhaan guddaan qaqqabuu maddeen keenya aanichaka dubbatan.

Wal gaarreffannaa fi jibbi Miseensota waraana sirrnichaa kan sabaan Amaara ta’aanii fi ilmaan Oromoo gidduu jiru, akkuma walii galaatti jabaataa ta’uu kan himan maddeen, lola gidduu isaanii jiru kanaanis yeroo irraa gara yerootti wal ajjeesuun, dhiibbaa garaa garaas wal irraan ga’aa jiraachuu himu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading