ONM-ABO Sadaasa 8, 2023
Waraanniif kaabinoonni murna bilxiginnaa yeroo ammaa akkuma guutuu Oromiyaatti namoota nagaa hojii idilee isaanii hojjachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan dirqamaan qabee waan humni isaa hin dandeenye itti fe’uun hawaasa dararaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Sadaasa 7, 2023 kaadiroonni fi waraanni murna maafi’aa PP magaalaa Sulultaa kutaa magaalaa Mana Abbichuu jedhamu keessatti mana namootaa irra deemuun dunkaanota adda addaa namoota cufsiisuun akka koree filatan gocha oolan jedhu.
Namoonni koree filataman kunneen akka waraanaatti halkan halkan ulee qabatanii akka naannoo isaanii eegan yoo kana hin goone manni isaanii akka irratti diigamuu fi adabni biraan akka isaan eeggatu jechuun doorsiisaa turan jedhu.
Namootni hedduun lakkii nuti hojii mataa keenyaa hojjanna nuti leenjii isaas itti hin qabnu kanaafuu eeguu hin dandeenyu nuti hawaasa waan waraanaa keessa wanti nu galchu hin jiru wayita jedhanittis ati waraana bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabda jechuun namoota hedduu hidhaatti guuruus himan.
Akkasuma hoogganaa koree misoomaa kan Ture namni Darajjee Tacaanee jedhamu ati durumaa ni barbaadamta WBO waliin hidhata qabda jechuun akka hidhanis dabaluun dubbatu.



