• Thu. Nov 26th, 2026

Hoogganaan NATO michoonni isaanii Gaazaa keessatti gargaarsa namoomaaf lolli akka dhaabbatu ni deeggaru jedhan

Nov 10, 2023

ONM-ABO Sadaasa 10, 2023

Akka Aljazeeraan kaleessa gabaasetti hogganaan NATO Jens Stoltenberg miseensonni gamtaa waraanaa isaanii rakkoo namoomaa Gaazaa keessatti hammaataa dhufeef gargaarsi akka gahuuf waraana deemaa jiru kana keessatti boqonnaan gargaarsa namoomaa akka deggaran ibsan.

Stoltenberg gaazexeessitootaaf akka himanitti, seerri addunyaa kabajamuu fi lammiileen nagaan eegumsa argachuu qabu. Waldhabdeen kun gara waraana naannootti akka hin deemne akeekkachiisan.

”Waraanni Gaazaa gara waldhabdee naannoo guddaatti jijjiiramuu hin qabu. Iraanii fi Hizbullaah’n lola kana keessaa bahuu qabu,” jechuun dabalaniiru.

Gama biraatiin Israa’el lola haleellaa xiyyaaraan dabaalame geggeessaa jirtuun qondaaltotni waraanaa ishee humni isaanii Gaazaa keessatti injifannoo argachuun fuulduratti tarkaanfachaa jiraachuu kan ibsan yoo ta’u, gama Hamaasiin Birgeediin Qassam bakkeewwan Israa’eliin to’ataman gadhiisisuuf lolli itti fufee jiraachuu ibse.

Itti dabaluunis Hamaas weerara hamaa Israa’el mooraa baqattootaa Yeeniin West Baankii irratti raawwatte balaaleffateera.

”Qaamni Gaazaatti mo’amuun irra ga’e  Jeeniin keessattis mo’amuu qaba. Fedhii uummata keenyaa Gaazaa irraa kaasee hanga Weesti Baankii jiru  cabsuuf hin milkaa’u.  Diddaan hafuura nuu fi uummata keenya keessa fiigu waan ta’eef, hanga injifannoo fi bilisummaatti dhuunfata ari’uu itti fufna” jechuun gareen Gaazaa geggeessu ibsa baaseen beeksiseera.

Gareen Jihaada Islaamaa Falasxiin gama isaatiin: “Haleellaan sukkanneessaa fi gara jabummaa West Baankii irratti raawwatame, diina kufaatii fi yeroo hunda ajjeechaa hordofuu isaa kan mirkaneessu yoo ta’u, bu’aa kamiyyuu lafa Gaazaa keessatti argachuu dhabuu isaa haguuggachuufi.” jedhan.

Hanga ammaatti weerara Israa’el mooraa baqattootaa Yeeniin irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 11 ajjeefamanii 16 madaa’uu ministeerri fayyaa Gaazaa beeksiseera.

Oduun amma tokko lubbuu lammiilee Faalasxiin bararuu dandeessu kaleessa gama Ameerikaa White House irraa dhagaa’amtee jirti.

Akka White House kaleessa beeksisetti Israa’el lammiileen Faalasxiin Kaaba Gaazaa jira rakkoo tajaajilaa fi kanneen biroo achitti mudatee jiruuf gara kibba Gaazaatti akka deemaniif guyyaatti Yeroo mara  lola sa’a afuriif akka dhaabdu waliigaluu ibsiteetti.

Haa ta’u malee tarkaanfii Israa’el kana kanneen deggeran akkuma jiran kanneen kun furmaata hin ta’u, furmaatni waaraan lola dhaabuun dhufa jedhanis yaada isaanii dhiyeessaa jiraachuu Aljazeeraan gabaasera.

Leave a Reply