• Wed. Nov 29th, 2023

Uummatni Oromoo godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii fi Qondaalaa gargaarsi dhufaa jiru sirnaan nu qaqqabaa hin jiru jechuun komatan

Nov 10, 2023

ONM-ABO Sadaasa 10, 2023

Akka jiraattota godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii fi Qondaalaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko jedhanitti gargaarsi uummata Oromoo beelaa fi dhibee busaan aanota kanneen kana keessatti miidhamaniif dhufaa jiru sirnaan hawaasa rakkataa qaqqabaa akka hin jirre dubbatan.

Jiraattootni kunneen yaada isaanii ONM’f akka kennanitti dhaabbilee miti mootummaa, waldaalee amantaa fi namoota dhuunfaa hawaasa isaanii baraaruuf birmatana   galateeffachuun, gargaarsi isaan taasisaa jiran dhiibbaalee bulchiinsa murna bilxiginnaan bakka rakkoon jiru akka wal hin geenye taasisaa jiru jedhan.

Akka kanaanis gargaarsi kun irra caalaa magaalaa keessatti kan hiramaa jiruu fi namootni baadiyyaa dhibee kanaan akka malee miidhamanii jiran kanneen qarqara bishaan ciisaa fi raaree jiran bira qorichis ta’e biifaan keemikaalaa farra bookee busaa akka hin geenye himaniiru.

Rakkoon mudatee jiru akka hin furamneef caasaa murna bilxiginnaatu gufuu ta’e kan jedhan jiraattotni, qaamoleen gargaarsa kana hawaasaaf qabattanii dhuftan akka uummata cufa bira sirnaan ga’u gochuu qabdus jedhan.

Kaabinootni bilxiginnaas uummata rakkatee jiru irratti dararrii hammeessuu irraa akka of qusattan jechuun waajjirri faayyaas rakkoo hawaasaa kana furuuf akkaataa qaamoleen gargaarsa dhiyeessan gaafatanitti ulaagaa siyaasaa malee hawaasa akka tajaajiltan gaafanna jedhan.

Gargaarsi nyaata daa’immanii dhaabbata Save the Children irraa fi OCHA irraas gargaarsi argamaa jiru, kan amma hanqinni isaa mul’ate hatattamaan akka nuuf dhiyaatee rakkoo hawaasaa qaqqabu jechuun dhaamsa kan dabarfatan jiraattota godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii fi Qondaalaa ti.

Leave a Reply