• Tue. Nov 24th, 2026

Baayiden fi Shiin dhimma daldalaa, Taayiwaan, hariiroo Ameerikaa fi Chaayinaa irratti Roobii dhufu wal arguun akka mari’atan miidiyaaleen gabaasan

Nov 11, 2023

ONM-ABO Sadaasa 11, 2023

Associated Press kaleessa akka gabaasetti Prezidaant Joo Baayiden fi prezidaantiin Chaayinaa Shiin Jinping waggaa tokko booda Roobii  Kaalifoorniyaatti kan wal argan yoo ta’u, hoggantootni dinagdee gurguddoo qaban lamaan gidduutti dhimma daldala, Taayiwaan fi hariiroo U.S. fi Chaayinaa bifa guutuu ta’een bulchuu irratti ni mari’atu.

Waayit Haawus torban hedduudhaaf Baayiden fi Shiin walgahii Tumsa Diinagdee Eeshiyaa fi Paasifiik Saan Firaansiiskootti gaggeeffamu cinaatti akka wal argan dubbateera. Garuu mariin kun hanga jala bultii walga’ii Sanbata  eegalutti gadi bu’eera. 

Barreessituun pireesii Waayit Haawus Karine Jean-Pierre ibsa kennaniin hoggantoonni kunneen “barbaachisummaa sarara qunnamtii banaa eeguu itti fufiinsa qabu” fi akkamitti “dorgommii itti gaafatamummaadhaan bulchuu itti fufan akkasumas bakka fedhiin isaanii walsimsiisutti waliin hojjechuu akka danda’an, keessumaa qormaata biyyootaa, hawaasa addunyaa miidhaa jiru irratti ni mari’atu jedhan.

”Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa Jimaata darbe ibsa kenneen, Shiin affeerraa Baayideniin Kibxataa hanga Adoolessa 17 waltajjii APEC irratti akkasumas walgahii U.S. fi Chaayinaa irratti akka hirmaatan ibseera.

Qondaaltonni olaanoo bulchiinsa Baayiden lama, ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, hoggantoonni kun naannoo Saan Firaansiiskoo Beeyitti akka walga’an dubbachuun, sababa yaaddoo nageenyaatiin ibsa dabalataa kennuu didan. Walgahii kana irratti mormitoonni kumaatamaan lakkaa’aman Saan Firaansiiskoo irratti ni ba’u jedhamee eegama.

Ministirri Maallaqaa Yaaneet Yeelen fi itti aanaan muummicha ministeeraa Chaayinaa He Liifing Kamisa darbe Saan Firaansiiskootti kan wal argan yoo ta’u, Yellen fi He Jimaata kaleessaas marii itti fufanii turan.

Walgahiin Baayiden-Shiin wantoota gurguddaa hedduun irraa kan hin eegamne yoo ta’u, garaagarummaan humnoota lamaan gidduu jiru akka hin furamnes beekamaadha. Kanaa mannaa jedhu qondaalli, Baayiden gara “dorgommii bulchuu,  waldhabdee ittisuu fi karaaleen qunnamtii banaa ta’uu isaanii mirkaneessuu” ilaalaa jira. Qondaaltonni kunneen akka jedhanitti Shiin dargaggeessa hogganaa Paartii Koominiistii ta’ee erga filamee booda daawwannaa jalqabaa gara Saan Firaansiiskootti akka geggeessetti amanu jedhan.

Garaagarummaan hariiroo U.S. fi Chaayinaa duraanuu walxaxaa ta’e waggaa darbe keessa qofa kan qajeele yoo ta’u, Beejiing to’annoo al-ergii haaraa U.S. teknooloojii sadarkaa olaanaa irratti taasifte irratti rifachuu; Baayiden erga afuuffeen basaasaa Chaayinaa ardii Ameerikaa keessa darbee booda akka itti dhukaafamu ajajuu; fi aarii Chaayinaan jalqaba bara kanaa Pirezidaantiin Taayiwaan Tsai Ing-wen U.S. keessa dhaabbachuun isaanii dhimmoota garaagarummaa isaanii hammeessaa jiran keessaa tokkoo dha. Chaayinaan odola Taa’iwwaniin akka naannoo isheetti himatti.

Baayiden dhiibbaa Chaayinaan Kooriyaa Kaabaa irratti qabdu fayyadamuu irrattis dhiibbaa gochuun isaanii hin oolu, yaaddoon guddaan kun kan dhufe yaaalii misaa’ela balistikii Kooriyaan Kaabaa taasistuu fi Piyoongiyaang  meeshaa waraanaa lola Yukireen keessatti Raashiyaadhaaf kennuu isheetiin dabalaa dhufe.

Pirezidaantiin paartii Dimookiraatotaa Chaayinaan aangoo Iraan irratti qabdu guddachaa jirutti fayyadamtee Tehran ykn bakka bu’oonni ishee tarkaanfii waraana Israa’el fi Hamaas babal’isuu danda’u fudhachuu akka hin qabne ifa gochuu akka barbaaddus Shiiniin ni beeksisu jedhamee eegama.

Bulchiinsi isaanii Chaayinaan boba’aa Iraan guddaa kan bittu yoo ta’u, Iraan kan Hamaas deggartuu guddaa taate waliin walitti dhufeenya guddaa akka qaban amanu.

Baayiden fi Shiin yeroo dhumaaf gara waggaa tokko dura walgahii garee digdamaa Indooneezhiyaa Baaliitti gaggeeffame cinatti wal argan. Walgahii gara sa’a sadiitti dhiyaatu kana irratti Baayiden kallattiin Chaayinaan ”gocha dirqisiisaa fi aggaammii dabalaa dhufe” Taayiwaan irratti fudhachaa jirtu mormuun weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwattee fi dhimmoota biroo irratti mari’atanii turan.

Walgahiin torban dhufu kun kan gaggeeffamu yeroo Ameerikaan hariiroo U.S. fi Chaayinaa irratti bara rakkisaa ta’uu danda’uuf qophaa’aa jirtutti yoo ta’u, Taayiwaan baatii Amajjii keessa filannoo pirezidaantii gaggeessuuf, U.S. ammoo Sadaasa dhufu filannoo pirezidaantii mataa ishee gaggeessuuf jirtutti ta’uu AFP, Aljazeeraa, CNN, BBC, The New York Times fi kanneen biroo hedduun yaadota addaa addaa kaasuun gabaasanii jiru.

Leave a Reply