• Wed. Nov 29th, 2023

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti guyyaa kaleessaa namoonni nagaan lama hidhattoota sirnichaan ajjeefamaniiru 

Nov 11, 2023

ONM-ABO Sadaasa 11, 2023

Adeemaa jiru Oromiyaa keessatti haalan jabaachaa deemun ilmi namaa qe’ee isaa irraa baqachuufis gara itti godaanu dhabee dabaree dabaree rasaasa sirna bilxiginnaan waadama oola.

Haaluma kanaan uummata nagaa ajjeesuu amaleeffatanii socho’an kan jiran hidhattootni kunneen Oromummaa isaanii qofaaf hawaasa nagaa yakkuun ajjeechaa gara jabeenyaa irratti raawwatamuun cinaatti hidhaa fi saamicha daangaa hin qabneen adabaa oolu.

Aanaan Jalduu aanaalee godina lixa Shaggar keessaa tokko yeroo taatu aanaa kana keessatti irra deddeebiin ajjeechaan seermalee hawaasa nagaa irratti raawwatamu itti fufee jiraachuun guyyaa kaleessaa jechuunis Sadaasa 10, 2023 ganda Iddoo Baddeessaa jedhamu keessatti namoota nagaa hojii qonnaa irratti bobbaa’uun jiraatan kan maqaan isaanii Alamuu Jifaaraa fi Docuu Baatuu jedhaman haala sukkanneessan ajjeesuu jiraattotni himan.

Namoonni ajjeefaman kunneen namoota siyaasa irraa bilisa ta’anii fi hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan yoo ta’u hidhattootni kunneenis ati deggertoota WBOti jechuun akka ajjeesanis dubbatu.


Leave a Reply