ONM-ABO Sadaasa 11, 2023
Maddeen keenya akka Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti waraanni faashistii PP godina Arsii bahaa aanaa Dodotaa magaalaa keessatti obboleeyyan sadii badii tokko malee qabuun dararaa irratti raawwachaa jiru.
Obboleeyyan sadan kun maqaan isaanii Mahaammad Karrayyuu ykn Mahaammad Jamaal, Qaasim Jamaalii fi Ahimed Jamaal yoo ta’u, Roobii darbe Sadaasa 8, 2023 magaalaa Dheeraa keessatti qabamuun mooraa waraana faashistii PP aanaa Dodotaatti reebamaa jiraachuu himan.
Kana malees dargaggootni Oromoo kun jiraattota aanichaa ganda Koorroo Dagaagaa ta’uu kan himan maddeen, maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun jireenya idilee isaanii irraa badii tokko malee qabus dabaluun ibsaniiru.

