• Tue. Nov 24th, 2026

WBOn godina Gujii Lixaa keessatti diina adabuun injifannoo boonsaa galmeesse

Nov 12, 2023

ONM-ABO Sadaasa 12, 2023

Gootichi waraana bilisummaa Oromoo WBOn zoonii kibbaa Konyaa Gujii Lixaa, Humni Furgaatuun Gujii Lixaa waraana faashistii Itophiyaa teessuma Abiy Ahimed tiksuuf bobba’anii fi maqaa araaraa dawoo tolfatuun WBO irratti dhiibbaa Gochuuf hojjechaa jiran kaleessa Sadaasa 11, 2023, aanaa Dugda Daawwaa ganda Dogoo Dhuqqisaa iddoo addaa Laga Qawwee bakka jedhamutti tarkaanfii jajjabeen WBO ganama sa’a 6:30 irraa kaasee lola irratti gaggeesseen tiksitootaa fi leellistoota impaayeera Xoophiyaa 35 battalatti yemmuu ajjeesuu 31 immoo madoo dandammii hin qamneen adabee jira.

Lola kana irraa kan baraaramte  konkolaataa 14 fi motora 15n reeffaa fi madoo fe’achuun gara magaalaa Dugda Daawaa Fincaawaatti galtee jirti.

Onnataan duuba hin jenne gootichi kaayyoo dhugaa WBOn lola kanaan meeshaa waraanaa AKM 20, Bireena 1, boombii 6, hidhannoo 12 fi rasaasa garaagaraa irraa hiikkatuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.

Akeekaa fi galma qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ga’uuf humni qusii malee aarsaa baasaa jiru WBOn uummata Oromoo abbaa biyyaa taasisuuf jabaatee akka hojjetuu fi diina uummata Oromoo Itoophiyaa jalatti haammachiisee bulchuuf ifaajaa jiru afaan qawwee adabuun itti fufa jedhaniiru.

Dantaa sabaa Oromoo akka hin sharafamneef qawwee keenya yoomuu ol jedhaadha.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply