ONM-ABO sadaasa 13, 2023
Kallattii tokkoon Akeeka marii nageenyaa saganteeffame milkeessuutiif qondaaltota isaa olaanoo filee bakka marichi gaggeeffamutti kan bobbaase Bilxiginnaan, kallattii biraatiin ammoo Kaadirootaa fi Loltoota isaa biyya keessa facaasuun maqaa waaana bilisummaa Oromootiin yakkuun uummata nagaa ajjeesaa, Hidhaa akkasumas saamuu irratti argama.
Baha Oromiyaa godina Harargee Lixaa aanaa Ciroo araddaa Sheek Adam keessatti kaadirootnii fi hidhattootni PP wal ta’uun hawaasa nagaa mana hidhaatti funaanaa jiraachuu jiraattotni kan himan yoo ta’u, dheengadda jechuunis Sadaasa 11, 2023 namoota maqaan isaanii Ashaa Hamzaa, Haliimaa Aliyyii, Ashaa Adam, Saaroo Adam, Faamiyaa Abiraahim fi Aniifaa Hasan jedhaman qabanii hidhuus dubbatan.
Namootni 6n loltoota bilxiginnaan hidhamanii hiraarfamaa jiran kunneen, hojii dhuunfaa isaaniitti bobba’uun ofiif maatii isaanii kan jiraachisanii fi tuttuqaa siyaasaa keessaa qooda kan hin qabne hogguu ta’aan, Waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhamuun yakkamanii mana hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu Jiraattotni ONM dubbise himan.

