• Tue. Nov 24th, 2026

Loltootni Oppireeshinii Addaa US ‘balaa’ heelikooptaraa galaana Meeditiraaniyaanii irratti mudateen ajjeefamuu The Washington Post gabaase

Nov 13, 2023

ONM-ABO sadaasa 13, 2023 

Loltootni Oppireeshinii Addaa Waraana Ameerikaa shan heelikooptaraan baha Galaana Meeditiraaniyaanii irratti boba’aa guutaa jiran “balaa” mudateen du’uu isaanii qondaaltonni ittisaa Dilbata darbe himuun, taateen kun bulchiinsi Baayiden waraana Gaazaa akka hin babal’anneef yeroo qondaaltotni US of eeggannoo hojjechaa jiranitti.

Aangawoonni U.S. lama sababa dhimmichi miira namaa kakaasuun maqaan isaanii akka hin dhahamne akka dubbatanitti, loltoonni kun qaama karoora balaa tasaa bal’aa Peentaagoon waraana kanaaf qopheesseef naannicha keessa akka jiran himuun, hojiin isaanii lammiilee U.S Israa’el fi Libaanos keessa jiran yeroo balaan hammaatu baasuuf humna qophaa’ee dha jedhan.

Heelikooptarri kun qarqara galaanaa kibba baha Qophros irraa akka gadi bu’e qondaaltotaa fi akeekkachiisni aviyeetotaaf kenname Sanbata maxxanfame keessaa tokko akka ibsetti, yeroo hojiin barbaachaa fi baraarsaa amma xumurame gaggeeffamaa turettii dha. Qondaaltonni U.S. heelikooptara gadi bu’e kana MH-60 jechuun adda baasan, kunis gosa heelikooptara Black Hawk kan elite 160th Special Operations Aviation Regiment tiin balali’uudha.

Hojii waraanaa naannoo sanatti hojjetamu kan to’atu Ajajni Awurooppaa U.S. jalqaba Sanbata darbee taatee kana kan ibse yoo ta’u, damee waraanaa kam ykn xiyyaarri gosa akkamii akka hirmaate ifa hin goone. Gaazexaan Niwu Yoork Taayims jalqaba Dilbata darbe miseensota tajaajila kana keessa turan ajjeefamuu gabaaseera.

Pirezidaanti Baayiden fi giifti dureen Jiil Baayideen “maatii fi hiriyoota nama jaallatan qaalii, lubbuu isaanii keessaa kutaa tokko dhabaniif kadhachaa turuu dubbatan.

Gabaasni Guraandhala keessa Waajjirri Itti Gaafatamummaa Mootummaa U.S. kan ragaa Raayyaa Ittisaa fi Eegdota Biyyaalessaa Qilleensaa walitti qabu akka agarsiisutti, bara baajataa 2012 hanga 2021tti yeroo balalii lola malee balaan heelikooptaraa 298 mudateera.

Kanneen keessaa gara 45 balaa heelikooptaraa hamaa ta’ee fudhatameera, kunis “du’a, qaama miidhamummaa dhaabbataa, hospitaala turuu, miidhaa qabeenya doolaara kuma 500 fi isaa ol, ykn heelikooptara barbadaa’e” kan of keessatti hammate yoo ta’u, irra caalaa dogoggora namaa irraa kan mudate ta’uu gabaasichi ni mul’isuu isaa gaazexaan Ameerikaa The Washington Post balballoomseera.

Leave a Reply