• Wed. Nov 29th, 2023

Miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko mooraa diinaa ganuun godina Arsii bahaa aanaa Martii irraa WBOtti makame

Nov 13, 2023

ONM-ABO sadaasa 13, 2023

Jimaata darbe Sadaasa 10,2023 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko godina Arsii bahaa aanaa Martii mooraa Koomaandoo irraa ganuun meeshaa fi hidhannoo waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Kibba Bahaa Cibraa Ambaa Aanoletti makamee jira.

Miseensi waraana bilxiginnaa sabaan Oromoo ta’e kun mooraa diinaa keessaa qawwee AKM 1, rasaasa 200, boombii fi hidhannoo qabachuun  WBO bira ga’ee jira.

WBO bira erga ga’ee simannaa taasifameefitti kan gammade waraanni Abiy duraanii kun, sirna bilxiginnaa keessatti dhiibbaa guddaan Oromoo irra akka jiru kaasuun, sirnichi ilmaan Oromoo ajjeesuun cinaatti waraanuma isaaf lolan lola didde akkasumas fedhii hin qabdu jechuun dirree lolaa fi mooraa keessatti ajjeesaa akka jiru miira aariin dubbateera.

Kana malees akka Oromootti tokkummaan qabsoofnee biyya keenya ijaarrachuu qabna, kan kanaan dura wallaalummaa fi dirqiin Oromoo irratti hojjenneef dhiifama jechuun,  warreen Oromoo ta’anii meeshaa diinaa baatanii jiran yeroon sirnicha ganuun WBOtti akka makaman dhaamsa dabarseera.

Waraanni faashistii PP kun torbee darbe qofa kaaba Shaggar, Lixa Shaggar, Gujii Lixaa, Boosatii fi Lixa Wallaggaa keessatti qofa loltootni bilxiginnaa 15 qawwee fi hidhannoo waliin WBOtti makamuun ni beekama.

Leave a Reply