• Thu. Mar 19th, 2026

WBOn godinaa Arsii lixaa aanaa Heeban Arsii keessatti diinaa irratti tarkaanfii fudhate

Nov 13, 2023

ONM-ABO Sadaasa 13/2023

Gootichi waraanaa bilisumma Oromoo  godina Arsii lixaa aanaa Heebalan Arsii keessa socho’u halkan kaleessaa Sadaasa 12 galgala sa’a 1:30 irratti magaala Goljoota kara sadiin senun hidhatoota maqaa eegumsa magaalaa jedhuun magaalaa keessa yaa’uun uummaata nagaa irratti saamicha geggessaa turte irratti tarkaanfii duuba deebii hin qabne fudhatee jira.

Irreefi gacheen ummaata oromoo wbon zoonii kibbaa bahaa oromiyaa godinaa Arsii lixaa aanaa Heeban Arsii keessaa socho’u Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa magaalaa  aanaa keessa senuun kabinee aanaa yeroo dheeraaf  uummata nagaa dararaa turan 2 fi milishaa 3 ajjessuun Injifaanoo boonsaa galmeesse jira.

Halumma wal fakkatuun sadassa 13 yerooma wal fakkatu keessatti Cibraan kun godinaa Arsii lixaa aanaa Heeban Arsii gandaa shophaa Bultum seenuun   mooraa nyaapha barbadeesse jira.
Gotichii woraanaa bilisumma Oromoo kan aanaa kana keessaa socho’u halkan eda mooraa diinaa seenuun nama 9 ajjessuun nama 25 madoo dandammii hin qabnee adabuudhaan qawwee AKM 5, meeshaalee dubaatti hafaa 3 fi pisto 2 irraa hiikuudhaan moonaa keessaa baqachisee baase jiraa.

Akka odeessi naannoo sana jedhuutti loltoonnii PP mooraa sana turaan irraa caalaan isaani yeroo sana qawwee fi hidhanno bafatanii dhoksuun gara maatii isaan galan jedhu.

Tarkaanfiin WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading