ONM-ABO Sadaasa 14, 2023
Murni bilxiginnaa karaa tokkoon marii araaraa geggeessaa karaa biraan ammoo uummata harka duwwaatti waraana hedduuminaan bobbaasuun lubbuu namaa galaafachaa jira.
Namoonni nagaan Oromiyaa keessatti gochaa isaanii malee maqaan waraana bilisummmaa Oromoo itti maxxanuun ajjeefamaa kan jiran yoo ta’u lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Caffee Ereerii iddoo addaa Gambeelaa jedhamutti dheengadda Sadaasa 12, 2023 namoonni nagaan hojii qonnaa irratti bobbaa’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan hidhattoota sirnichaan ajjeefamaniiru.
Namoonni nagaan ajjeefaman kunneenis Dhugaasaa Dabaloo, Abarraa Bajiroo fi Dheereessaa Shaafee kanneen jedhaman qe’ee isaanii keessatti haala sukkanneessan ajjeefamuu isaanii jiraattotni bakkichaa dubbatu.
Hidhattootni kunneen sababa tokko malee barii barraaqan gara ganda sanaatti imaluun ajjeechaa namoota nagaa kana irratti akka raawwatan himuun, sirnichi ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf karoorfatee hojjachaa jira jechuun jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.


