ONM-ABO Sadaasa 14, 2023
Sadaasa 11, 2023 waraanni maafi’aa PP kan Oromummaan dagaagsaa jiraa fi mootummaa Oromooti jechuun dibbee reebu namoota Irreecha Malkaa Daabana Darroo godina Buunnoo Beddellee irratti hirmaatan qabee hidhe.
Malkaan Daabana Darroo qarqara magaalaa Beddelleetti kan argamu yoo ta’u, ilmaan Oromoo waggaa waggaan ba’anii itti irreeffataa turan.
Sadaasa 11, 2023 sabboontotni ilmaan Oromoo, Qeerroo fi qarreen aanota godinichaa fi bulchiinsa magaalaa Beddellee irraa achitti wal ga’uun dhiichisaa gara Malkaatti yeroo deeman, sirba siyaasaa sirbatan jechuun poolisiin federaalaa fi raayyaan ittisa impaayerattii hawaasa ayyaana deeman irratti dhukaasuun namoota 23 qabanii buufata poolisii magaalaa Beddelleetti hidhan.
Namoota hidhaman malee kanneen reebamanii miidhaaf saaxilamanis hedduu ta’uu maddeen himuun, guyyaa kaleessaas dargaggootaa fi sabnoontota adamsanii qabuuf bobba’anii jiraachuu ibsaniiru.
Maddeen dabaluun adeemsa ayyaana Irreechaa Malkaa Daabana Darroo kana irratti yaada kennaniin, ayyaanichi kan paartii bilxiginnaati malee kan hawaasni aadaa fi safuu isaa itti eeggatee, eenyummaa isaa itti calaqqisiisu akka hin taane, akkasumas abbaan gadaa Malkaa kana irraa bilxiginnaan erga uggguramee waggaa 3 lakkoofsisuu addeessaniiru.

