• Wed. Nov 25th, 2026

Dhiibbaa mootummaan abbaa irree sabboontota Oromoo irratti raawwachaa jiruun walqabatee baqattootni Oromoo sirinicha baqaaf jecha gara biyyoota  hambaatti baqachaa turan namoonni lakkoofsaan dhibbaa ol ta’an bishaaniin nyaatamuun dhaga’aame 

Nov 15, 2023

ONM-ABO Sadaasa 15, 2023

Mootummaan abbaa irree biyyan bulcha ofiin jedhu maqaa namni hin qabne namatti maxxansuun ajjeechaa, hidhaa fi saamicha irratti raawwatamaa jiru baqaaf jecha gara biyyoota ollaa adda addaatti godaanaa akka jiran ni beekama.

Sadaasa 13, 2023 dhalattoonni Oromoo dhiittaa mootummaa abbaa irreen irratti raawwatamu baqachuuf gara Saaud Arabiyaatti dooniin imalaa osoo jiranii dooniin ittiin garagaluun namoonni lakkoofsaan dhibbaa ol  ta’an akka bishaaniin nyaataman maddeen himan.

Namoonni bishaaniin nyaataman kunneen hanga ammaatti reenfi isaanii illee akka hin kaafamne kaasuun, namoota bishaaniin nyaataman kana keessaa kan maqaa arganne muraasni Faaxumaa Mohaammed Umar, Haliimaa Jaafar, Qamaraa Muhee, Immet Anshaa Ummee, Anshaa Shuumuu kanneen jedhaman keessatti akka argamanis maddeen himan.

Impaayera Itoophiyaa keessatti gochaa isaa malee maqaa waraana bilisummmaa Oromoon yakkamuun ajjeechaa jumlaa irratti raawwatamuu bira darbee lubbuu isaa oolfachuuf kanneen gara biyyoota hambaatti baqachaa jiran karaatti beelaa fi bineensaan nyaatamuun, akkasuma qabamanii hidhaan dararamaa akka jiran beekamaadha.



Leave a Reply