• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Harargee Bahaa aanaalee hedduu keessatti murni bilxiginnaa maqaa garaa garaatiin uummata dirqamsiisee maallaqa Saamaa jiraachuun himame 

Nov 15, 2023

ONM-ABO Sadaasa 15, 2023

Uummatni Oromoo qabeenya uumamaa, lafaa fi albuuda isa irra darbee biyyoota ollaa tajaajilaa jiran osoo qabuu, oomisha dachii isaa irraa argatuun impaayerattii rakkoo beelaaf, gadadoo hiyyummaa irraa baraaree hardhaan ga’us, dhiibbaa abbootni irree kallattii fi al kallattiin qe’ee isaa gubbaatti irratti raawwataniin harka qullaatti hafee dhaabbata gargaarsa garaa garaatti kadhaaf harka diriirsaa kan jiru yoo ta’u, Uummaticha dadhabsiisuuf karoora bilxiginnaan tumateenis maqaalee adda addaatiin barcuma abbaa irree ittiin tumsuuf maallaqni harkaa funaanamaa jira.

Haaluma kanaanis, Sadaasa 3, 2023 irraa eegaluun Baha Oromiyaa godina Harargee Bahaa aanaalee hedduu keessatti maqaa Kirasassaabdummaa dhabamsiisna jedhuun kaadirootnii fi loltootni PP walta’uun tokkoo tokkoo jiraattotaa irraa qarshii 1500 dirqisiisanii fuudhaa jiraachuu jiraattotni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise dubbatan.

Akka jiraattotni jedhanitti namoota maallaqa jedhame kana of harkaa dhabuun kaffaluu dadhaban loltootni sirnichaa mana hidhaatti guuraa akkasumas reebicha ulfaataa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, gochi saamichaa kun godinicha keessaa aanaalee akka Dadar, Malkaa Balloo, Masalaa, Mino fi Baddannoo keessatti magaalaaf baadiyyaan osoo adda hin qoodamin gaggeeffamaa jiraachuu himan.

Leave a Reply