ONM-ABO Sadaasa 17, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo leencotiin baha Shagggar waraana weerartu impayeera Itoophiyaa irratti tarkaanfii laalleessa fudhachuun adabee jira.
Tarkaanfii har’a Sadaasa 17/2023 gidduleessa Oromiyaa ona Faantallee ganda Ilaalaa iddoo addaa bakka Funyaan Bal’oo jedhamtutti irree fi gaachanni Oromoo WBOn baha Shaggar buttaan Hundee Dooyyoo tarkaanfii laalleessa waraana weerartuu Abiy Ahimed irratti fudhateen loltoota torba irraa ajjeesuun sadii madeessee jira.
Bakakkaa jajjabeen WBO itti buuse kanaanis konkoolataa ishiin ittiin dhuftees faayida ala ta’uun meeshaalee waraana bireena fi kilaashii turkii afurii akkasumas rasaasa bireenii 100 fi kan kilashii 90 dugda irraa hiikuu gabaasni achii dhufe ni addeessa.
Injifannoon Uummata Oromoof!