ONM ABO Sadaasa 18, 2023
Yakkoonni yeroo ammaa uummata Oromoo irratti adeemsifamaa jiru ija dhaabbilee mirgoota namoomaa kanneen akka dhaabbaata mirga dhala namaa (Human Right watch) fi dhaabbilee gargaarsaa adda addaa impaayera Itoophiyaa keessatti argaman danuu jalaa dhokachuun, waraanni Koloneel Abiy Ayiimad lubbuu lammiilee nagaa itti gaafatamummaa tokko malee balleessaa jiraachuun Kan beekamu yoo ta’u,uummanni Oromoo dhaabbilee kanneen irraa abdii akka dhabu taasisaa jira.
Bifuma kanaanis dheengadda Sadaasa 17, 2023 godina lixa Shaggar aanaa Amboo ganda Kaarraa bakka addaa Shammaa jedhamutti ajjeechaan waraana Maafi’aa PPn raawwachuun dubbatama.
Gochoonni gara jabeenya kunis sochii waraanni goolessaan PP aanaa Ilfataa fi Ambootti godheen lafa waraanni bilisummaa Oromoo hin jirretti Osoo uummatni waldaadhaa waaqeffachaa jiru namoota nagaa maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhu itti maxxansuun waldaa keessaa baasuun hiriira galchee haala suukkaneessaan ajjeesuun himame.
Namootni ajjeefaman kunniin Maqaan isaanii Obbo Naggasaa Itichaa abbaa maatii 4, Obbo Katamaa Daandessaa abbaa maatii 9,Obbo Milkeessaa Shaannanaa abbaa maatii 12 fi Obbo Toleera Baacaa abbaa maatii 4 Kan ajjeesan yoo ta’u,saamicha ammoo aanaa Amboo ganda Kaarraa horii 7, aanaa Midaa ganda Bakkaafa Abeetooti qabeenyaa abbootii warraa 6 horii 40 saamanii deemuu waraana Maafi’aa PP kanaa maddeen Arraata Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.























