ONM ABO Sadaasa 18, 2023
Miira abdii kutannaan socho’aa kan jiran hidhattootni kolonel Abiy Ahimed, lafa deeman cufatti gochoota uummata gaddisiisanii fi shororkeessu raawwachuu bira darbee lubbuu ol adeemtoota akka baala harcaasuun uummata nagaas mana isaa irratti gubuun bakkeetti akka rakkatu gochaa jiru.
Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Yaadannoo Yettii iddoo addaa Maggalee jedhamutti guyyaa dheengaddaa jechuun Sadaasa 16, 2023 dargaggeessa maatii qonnaan bulaa irraa dhalatee fi hojuma qonnaa hojjachuun maatii isaa gargaaru kan maqaan isaa Ayyaanaa Guuttataa jedhamu lafa qonnaa maatii isaatii qabuun fuudhanii deemuun rasaasa itti roobsanii akka ajjeesaan jiraattotni gandichaa himu.
Guyyuma sana nama nagaa siyaasa irra bilisa ta’ee fi hojii qonnaa hojjatu kan maqaan isaa Maammudee jedhamu maqaa waraana bilisummmaa Oromoon walitti dhufeenya qabda jedhuun mi’a mana keessaa dabalatee mana isaa gubanii barbadeessu jiraattotni dabaluun dubbatu.
Akkasuma reebicha namoota nagaa irratti raawwatameenis walqabatee nama Sharaaf Ahimed Adam jedhamu harka yoo cabsan Amiin Aliyyii jedhamu ammoo reebicha ulfaataa mata keessa buruqsuun kan miidhan yoo ta’u namoonni kunis magaalaa Muggiitti akka yaalamaa jiranis jiraattotni dabaluun himu.
Akka hawaasa gandichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise himanitti hawaasa nagaa qaala’iinsa jireenyaan walqabatee waan nyaatee bulu dhabee rakkachaa jiru mana irratti gubanii barbadeessuun egereen uummatichaa maal akka ta’u kan nama yaaddeessuudhas jedhan.


