• Tue. Nov 24th, 2026

WBOn Birgeedii Murti-Guutoo godina Lixa Shaggar aanaa Hincinnii irratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu beeksise

Nov 19, 2023

ONM-ABO Sadaasa 19, 2023

Abdii fi wanteen uummata Oromoo WBOn diina goyomsaa fi shira siyaasaa taphachuuf waraana isaa Oromiyaa mara keessa luffisisee WBO marfama keessa galchuu barbaadu afaan isaaniif galu, qawween deebisaafii jira.

Akka kanaanis har’a ganama Sadaasa 19 godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnii magaalaa ishee, aanaa Shananii hanga Gudar jalaatti jajjabeen WBO Birgeediin Murtoo Guutoo waraana faashistii PPtti abiddaa gabbisuun watwaachisaa jira.

Kana malees guyyuma har’aa leencichi ilma sabaa WBOn godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii Magaalaa Haratoo keessatti diina akaa’aa jira.

Gaachanni sabaa WBOn duula Imala Bilisummaa labsee zoonii waraanaa cufattuu diina adabaa jira.

Guutuu gabaasa kanaan qindeeffannee walitti deebina.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply