• Wed. Nov 25th, 2026

Arsii bahaa aanaa Heexosaa keessatti maatii qabsa’ootaa adamsanii hidhuun jabaatee itti fufee jira

Nov 22, 2023

ONM-ABO Sadaasa 22, 2023

Dararaan maqaa ilmaan keessantu miseensa waraana bilisummaa Oromooti jedhuun akka guutuu Oromiyaatti jabaatee kan itti fufee jiru hogguu ta’u, keessattuu miseensota maatii qabsa’ootaa saamuu, hidhuu fi ajjeesuun waggoota sirni bilxiginnaa gara aangootti dhufee kaasee daran hammaatee jira.

Akkuma kanaanis godina Arsii bahaa aanaa Heexosaa ganda Wal Argii keessatti dheengadda Sadaasa 20, 2023

Waraanni faashitii PP mana hawaasaa deemuun ilmaan keessan fidaa jechuun abboota Warraa yeroo qabuuf deemanitti namoota jalaa miliqan miseensota maatii qe’eetti hafan qabuun yeroo ammaa waajjira poolisiitti geessuun hidhanii hiraarsaa jiru.

Waraana kanaan namootni qabamanii hidhamuun dararamaa jiran maqaan isaanii Amiin Caaccoo Duubee, Raadiyaa Mohammed Kadir, Safiyaa, Habiib Kamaaloo, Usmaan Abdallaa Raaboo fi abdul-jabbaar Manzaa akka ta’an beekameera.

Ganda Arbaa Caffaa irraa Abbichoo Huseen Dullee yoo hidhan, dukkaana hedduus cabsuun akka saaman maddeen ONM tti himan Lukkeelee diinaa ta’uun heeruu sobaan namootni hawaasa nagaa hiisisaa jran maqaan isaanii Abbaas Nuurii, Sulxii Namoo, Ahimed Hajii Tuuqaa, Kaliil Tusii ,Yuusufee Abdoo namootni jedhaman bulchiitota gandaa kan maqaan isaanii aadde Dabruu, Kariim Muktaar, Musxafaa warreen jedhaman waliin ta’uun uummata dararaa akka jiran jiraattonni himatu.

Leave a Reply