ONM-ABO Sadaasa 22, 2023
Erga bara darbe Raashiyaan Yukireeniin weerartee Yukureen keessatti lammiileen nagaa kuma 10 ol ajjeefamaniiru jedha Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, ji’oota sadan darban keessatti kanneen du’an keessaa garri walakkaan isaanii adda waraanaa irraa fagoo ta’uu Aljazeeraan ibseera.
Hojiin mirkaneessaa waan itti fufee jiruuf lakkoofsa amma himame caalaa “baay’ee ol’aanaa” ta’a jedhamee eegama jechuun Ergamaan Hordoffii Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Yukireen keessatti argamu Kibxata darbe ibseera.
Daa’imman 560 ol ajjeefamaniiru, namoonni 18,500 ol madaa’aniiru erga waldhabdeen kun Guraandhala 24, 2022 eegale jechuun argaman UN ukan guutuu biyyattiitti dhimma kana hordofu ibseera.
Yukireen keessatti bakki kamiyyuu guutummaatti nageenya hin qabu,” jechuun ergamaan hordoffii kana hogganu Daani’eel Beel akeekkachiisaniiru.
Lakkoofsi namoota du’anii kun taateewwan weerara kana booda ji’oota jalqabaa keessatti raawwataman kan akka lola buufata doonii Mariupol to’achuuf godhame kan jiraattonni lubbuu namoota siiviilii olaanaa ta’e raawwate gabaasni kun kan dabalatudha.
Rakkoon namoamoo Yukireeniin keessatti yeroo hammaatee jiru kanatti biyyootni furmaata waaraa fiduu dhiisuun Yukireenii ala akka itti fuftu taasisaa jiru.
Akka kanaanis Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Jarmanii Booris Piistooriyoos Kibxata kaleessaa gargaarsa waraanaa dabalataa Yuuroo biiliyoona 1.3 (Doolaaratti biiliyoona 1.4) ta’u Yukireeniif waadaa galaniiru.
Bakka bu’ootni michoota Yukireenii hedduun isaanii kaleessa Keevitti argamuun Yukireen waliin akka jiran agarsiisaa kan turan yoo ta’u, Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyd Oostiin dheengadda daawwannaa ajaa’ibaa Kiievitti taasisuun paakeejiin gargaarsa waraanaa haaraa Yukireeniif doolaara miiliyoona 100tti tilmaamamu kan meeshaa farra taankii, ittisa qilleensaa fi Sirna Rookeeti Meeshaa Waraanaa Sochii Ol’aanaa dabalatee (HIMARS) of keessaa qabu deggeruu isaanii Aljazeeraan gabaasa kaleessa baaseen ibseera.













