• Wed. Nov 25th, 2026

Hoogganaan Peentaagoon Ameerikaan Yukireeniin ‘fageenya dheeraa’f deeggarti jechuun Zelensky’tti himan 

Nov 22, 2023

ONM-ABO Sadaasa 21, 2023

Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyd Oostiin kaleessaa daawwannaa hin beeksifamne Kiivitti taasisaniin Ameerikaan Yukireeniif deggarsa dabalataa akka gootu waadaa kan galan yoo ta’u, kunis yaaddoo gargaarsi michuu ishee guddicha irraa dhufu raafamuu danda’a jedhu hambiseera jechuun Ajaansi France Press gabaase.

Ameerikaan erga Raashiyaan weerartee asitti Yukireeniif gargaarsa nageenyaa doolaara biiliyoona 40 ol kan kennite yoo ta’u, “hanga barbaachisutti” Kiiv deeggaruuf waadaa galtus garuu mormiin Rippabilikaanota ciccimoo irraa dhufuun egeree gargaarsa Ameerikaa irratti shakkii uumeera.

Oostiin pirezidaantii Yukireen Volodymyr Zelensky waliin walgahii fuula fuulatti taasisaniin deggarsi Ameerikaa akka hin dhaabbanne  mirkaneessuu isaaniin dura dippilomaatotaa fi hojjettoota Ministeera Ittisaa waliin wal arguuf Imbaasii Ameerikaa Kiiv jiru daawwataniiru.

“Ergaan har’a isiniif fide, Yunaayitid Isteetis Ameerikaan  isin waliin jirti. Yeroo dheeraaf isin waliin turra,” jechuun hogganaan Ittisa Ameerikaa Austin Zelensky’tti himeera.
“Waanti as Yukireen keessatti ta’u -Yukireen qofaaf osoo hin taane addunyaa hundaaf dhimma qaba. Yunaayitid Isteetis Ameerikaatiif dhimma akka qabu beekamaadha,” jechuun dabalaniiru.

Imalli gara Kiiv kun erga Raashiyaan Guraandhalaa 2022 weerara guutuu Yukireen irratti jalqabdee booda hogganaan Peentaagoon kun isa lammaffaadha.

Waashingitan hanga ammaatti gargaarsa waraanaa warreen Kiiviif arjooman keessaa guddaa yoo taatu, gargaarsa Ameerikaa irraa hir’isuun Yukireen waraanaa lammaffaaf qophaa’aa jirtutti dha’icha guddaa ta’a.

Zelensky daawwannaan Oostiin ”Yukireenif mallattoo barbaachisaa” ta’uu ibsuun, Kongireesii akkasumas uummata Ameerikaa deggarsa isaaniif galateeffataniiru.

Austin fi Ministirri Dhimma Alaa Antony Blinken dhaddacha Onkoloolessa keessa ta’aniin miseensonni mana maree Ameerikaa Yukireeniif deeggarsa akka itti fufan kan gaafatan yoo ta’u, itti gaafatamaan ittisa Ameerikaa “deggarsa keenya malee (Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir) Puutiin ni milkaa’a” jedhan.

Gargaarsi Ameerikaa kan hin dhaabbanne yoo ta’u, ammas gargaarsi kanaan dura hayyamameef kennameefii jira.
Itti aanaan barreessituun pireesii Peentaagoon Sabrinaa Siing jalqaba baatii kanaa akka jedhanitti, paakeejii gargaarsaa ”deeggarsi Yukireenif qabnu safartuu waan qabnuuf xiqqaachaa dhufeera” jedhan.

Mormii siyaasaa biyya keessaa Ameerikaan gargaarsa itti fufiinsa qabu irratti qabduun alatti, waldhabdeen hamaan Israa’elii fi Hamaas gidduutti uumame akkasumas haleellaan humnoota Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa irratti raawwatamu waliin walqabatee dhufuun isaa xiyyeeffannoo idil-addunyaa Yukireen irraa fageessuun kan  yaadatamu ta’us Ameerikaan biyyoota lamaaniif gargaarsa gochuu akka dandeessu cimsitee dubbatti.

Deggartoonni Yukireenis loltoota Kiiviif leenjii kan kennan yoo ta’u, Ameerikaa fi biyyoonni biroo dhaabbilee faayinaansii, galtee teeknooloojii fi al-ergii anniisaa dabalatee qoqqobbii cimaa Raashiyaa irratti kaa’aniiru.

Daawwannaan Oostiin kun kan dhufe erga Kiiv humnoota Raashiyaa qarqara laga Dnipro irraa kiiloo meetira hedduu duubatti dhiibuu ishee beeksistee booda jechuun AFP, Uero News, Forbes fi kanneen biroon gabaasa kaleessaa kaasee qabatanii ba’aa jiraniin addeessaniiru.

Leave a Reply