• Wed. Nov 25th, 2026

WBOn Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Nov 22, 2023

ONM-ABO Sadaasa 22,2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo Imala Bilisummaa milkeessuuf duula waraanaa labsameen Oromiyaa bakka cufatti diina adabaa jira.

Haaluma kanaanis Jimaata darbe Sadaasa 17,2023 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawwaa Caffaa bakka Qabbaallee jedhamutti waraana faashistii PP irratti lola banuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun humna diinaa du’aa fi madoon adabuun injifannoo galmeessee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply