ONM-ABO Sadaasa 24, 2023
Kantiibaan magaalaa New York Eric Adams seera New York kan torban kana xumuramuuf jiruun miidhaa saalaa raawwachuun himatamuu isaanii ragaan mana murtiitti Roobii darbe dhiyaate ni mul’isa.
“Himatamaan Eric Adams New York, keessatti osoo lamaan isaanii Magaalaa New York hojjechaa jiranitti miidhaa saalaa irraan gahe” jedha waamichi Mana Murtii Olaanaa New York County keessatti dhiyaate.
Galmeen kun miidhaa saalaa, loogii reebichaa, hojii, haaloo bahuu, naannoo hojii diinummaa fi itti yaadanii dhiphina miiraa geessisuu himata.
Dubbi himaan Galma Magaalaa Kamisa kaleessaa CNN’tti akka himanitti, “Kantiibaan kun eenyu akka isheen taate hin beeku. “Yoo wal argan ta’e hin yaadatu. Garuu gonkumaa waan nama biraa qaamaan miidhu hin godhu, himannaa akkasii kamiyyuu cimsee ni haale.” jedha CNN kaleessa gabaasa baaseen.
Waamichi fuula sadii qabu kun Magaalaa Niiw Yoork, Biiroo Geejjibaa Kutaa Poolisii Niiw Yoork fi Waldaa Eegdota Kutaa Poolisii Magaalaa Niiw Yoorki himatamtoota ta’uun tarreeffameera. Bal’inni dabalataa kan hin ibsamne yoo ta’u, komiin hanga ammaatti hin dhiyaanne.
Himannaan kun seera ga’eessota lubbuun hafan New York jalatti kan dhiyaatu yoo ta’u, kunis guyyaa galateeffannaa booda xumurama.
Seerri kun Caamsaa bara 2022 erga mallattaa’ee ji’a jaha booda, ga’eessota yakka saalqunnamtii irraa hafaniif, yeroon himannaa isaanii irratti murtaa’e yoo xumuramellee, namoota miidhaa isaan irra ga’an jedhaman himachuuf duubatti deebi’ee dhaddachi waggaa tokkoof baname.
“Himannaan asitti dhiyaate gocha itti yaadanii fi dagannoon raawwatamuu fi miidhaa qaamaa, sammuu fi kanneen biroo sababa gocha yakka saalqunnamtii ta’een irra ga’e kan haammatuu dha,” waamichi sun jechuun CNN gabaase.
Kantiibaan duranii Eric Adams kun kanaan duras FBIn dhimma malaanmaltummaan wal qabatuun shakkamee qoratamuu miidiyaaleen adda addaa gabaasanii turan.
















