ONM-ABO Sadaasa 24, 2023
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii guggubduu waraana faashistii PP irratti fudhatu itti fufuun guyyaa kaleessaa Sadaasa 23 irree fi gaachani uummata Oromoo WBOn zoonii kibba baha Oromiyaa cibraan Jaal Nadhii Gammadaa fi cibraan Maddaa Walaabuu waliin ta’un godinaa Arsii bahaa keessaati tarkaanfii boonsaa fudhatanii jiru.
Korommiiwwan kibba bahaa kun godina Arsii bahaa aanaa Sirkaa ganda Waajii Raphasaatti diina maqaa sakkaattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa saamicha irratti geggeessa turte haxxee itti hidhuun tarkaanfii laalessaa fudhateen loltoota 18 ajjeessee 25 madoo dandammii hin qabneen adabuun qawwee AKM 7 fi PKM 1 rasaasa 500 wajjiin irraa hiikee mooraa qabsoo bilisumma Oromoof oolchee jira.
Akka odeessi naannoo sana jedhutti hangaa guyyaa har’aa Sadaasa 24/2023tti meeshaa isaanii gatanii kan baqatan yoo ta’u, meeshaan lafaa argamaa fi reeffi ishee achii jiraachuun barameera.
Walumaagalatti diinni WBO godina kana keessa socho’u irraa sodaa guddoo qabachuu maddeen keessoo isaanii ni ibsu.
Abdii fi gaaddisni Oromoo WBOn kutaalee Oromiyaa mara keessatti Imala Bilisummaa milkeessuuf waraana maafi’aa PP adabaa kan jiru yoo ta’u, gareen shororkeessaa PP dirooniin osoo hin hafin hawaasa nagaa ittiin rukuchuun lubbuu fi qabeenyaa irraan miidhaa ga’aa jiraachuun ni beekama.
Lolli bilisummaa kutaalee Oromiyaa mara keessatti jabaatee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

